(Madda Oduu ABO/MOA/Onkoloolessa 28,2009) Odeessi tarkaanfii waraanaa MOA gahe akka mirkaneessutti, gootichi WBO Godina Arsii Ona Sheeruu ykn Seeruu Abbaasii bakka je’amtutti, loltoota wayyaanee haleelee battalumatti 5 yeroo ajjeesu 7 ol madeessee jira.
Waraanni wayyaanee haleellaa WBO irraa lubbuun hafe meeshaa isaa faffacaasee baqaan adda bittinnaawee jira. Lola kana irratti meeshaalen waraanaa fi dokmantiilen gara garaa diina irraa booji’amuun dantaa QBOf oolfamuuniss ibsameera.
Sirni wayyaanee akkuma amala isaa ummata naanichatti haaluu bahuuf hidhaa fi sodaachisatti bobba’ee akka jirus gabaafameera.
WBOn Godina Bahaa Harargee dhihaa keessa socho’u Onkoloolessa 11,2009 Daaroo Labuu, Laga Waabee keessaa bakka Malkaa Dullachaa jedhamutti waraana wayyaanee haleelee 8 ol hojiin ala gochuun ni yaadatama.
MOA